Finfinnee, Onkololeessa 30, 2019 (FMC)- Dorgommii Olompikii Dargaggoota Addunyaa 4ffaa Senegaal Daakaaritti gaggeeffameen Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Warqee jalqabaa injifatteetti.
Fiigicha gufachiisaa dhiirootaa Meetira kuma 2 Atileet Juunaadiin Abdoo 1ffaa bahuun injiifateera.
Atileetichi fageenyicha Daqiiqaa 5 fi Seekoondii 29 fi Maayikiroo seekoondii 30 ‘n xumureera.
Warqinaa Gashaantu gabaase.