Oromiyaatti hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 2 ol raabsame

Finfinnee, Ebla 21, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti xaa’oo qonna Arfaasaaf oolu qonnaan bultootaaf yeroon dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa nannichaa.

Hogganaa Itti aanaan Biirichaa obbo Bariisoo Fayisaa Faanaa Diijitaaliitti akka himanitti, naannichatti oomishtummaa midhaanii guddisuuf qindoominaan hojjetamaa jira.

Mekaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuurraa eegalee galteewwan qonnaa barbaachisoo ta’an raabsuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirus kaasaniiru.

Qonna Arfaasaa baranaan lafti heektaarri miiliyoonni 11.1 akka misoomu eeruun, xaa’oo kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf karoorfamuu ibsan.

Kana keessaa xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 7.8 gara naannichaa galuun qonnaan bultootaaf raabsamaa akka jiru dubbataniiru.

Hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 2 ol qonnaan bultootaaf raabsamuus ibsaniiru.

Xaa’oo hafe yeroon qonnaan bultoota biraan gahuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiras jedhan.

Gochoota seeraan alaa dhiyeessii xaa’oo irratti mudachuu malan ittisuuf hojiileen to’annoo kan hojjetaman ta’uus hubachiisaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment