Finfinnee, Hagayya 1, 2018(FMC) – MinistIrri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gumaacha ummanni Oromoo ijaarsa biyya Itioophiyaa keessatti bahate balinaan ibsuun, “Oromoon haaphee tokkummaa Itiyoophiyaati; Oromoon hin jiru taanaan Itioophiyaan hin jirtu” jechuun ibsan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad haala dinagdee, siyaasaa fi hawaasumma uummata oromoo ilaalchisee OBN waliin gaaffiii deebii geggeessaniiru.
Dooktar Abiy ibsa isaaniin, Itiyoophiyaan har’a birmaddummaan ishee eegamee bifa hat’aa kana qabattee akka jiraattuuf ga’een uummata Oromoo olaanaa ta’uu dubbatan.
Dooktar Abiy, gaaffii “Itiyoophiyaa haraa sararee kan bocee eenyuu?” jedhu irraa ka’uun, Goobanaa Daaccee irraa eegalee gumaacha Oromoon ijaarsa biyya kana keessatti bahate ilaaluu akka barbaachisu ibsan.
Akka isaan jedhanitti, Mootii Minilik waliin Itiyoophiyaa ammaayya kan sarareefi kan ijaarsa Itiyoophyaa haaraa keessatti adda durummaan kan hirmaate Goota Gobanaa Daaccee dha.
Gobanaa Daaccee qabsoo isaafi seenaa isaa waliin walqabsiisuun qeeqni jiraatuus , haala yeroo sanaafi sadarkaa beekumsa jarraa tokko dura tureen nama ijaarsa biyyaaf gumaache qeequun sirrii akka hin taane ibsan.
“Yeroo sana odeeffannoo,beekumasaa teeknooloojiin haraa hin jiru ture. Kanaaf, namoota yeroo sanaa meeshaaleefi beekumsa haraa hin qabneen, ulaagaalee yeroo ammaa fayyadamuun qeequun sirrii miti,” jechuun ibsan.
Kanaaf, hojii inni gaarii hojjeteef galateeffachuu, hojii inni dogoggoraan hojjete irraa immoo barachuu malee, seenaa guutummaatti tuffachuun ykn yeroo ammaa irraa dhaabbachuun qeequun sirrii akka hin taane hubachiisan.
Gootonni akka Taaddasaa Birruu fa’aas qabsoo ijaarsa biyyaa keessatti adda durummaan gumaachuu fi faayidaa uummata Oromoofis qabsaa’uu kaasan.
Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan akka hin bittimne, akka hin cabne fi humnoota alaa jala akka hin galleef aarsaan gootota Oromoofi saboota biroo gahee guddaa qabaachuu eeran.
Aarsaa gootonni Oromoo injifannoo Adwaa keessatti galmeessan ilaalchisees gootota akka Gabayyoo Gurmuu, Jaagamaa Kelloofi kanneen biroo maqaa dhahanii, gootonni kunneen hundi biyyaaf wareegama guddaa kaffaluu ibsan.
Alaabaa biyyaa ol kaasee har’a g’auuf gahee kan bahate gootota akka Jaagamaa Kelloo,Kabbadaa Buzunaa fi kanneen biroo eeruun, gootonni kunneen hundi biyyaaf dhiigafi lubbuu isaanii kennuu hubachiisan.
Sochii barattoota Itiyoophiyaa keessatti, keessumaa gaaffii Lafti Abbaa Lafaaf “Land to the Tiller” jedhu qabatee kan bahe Baaroo Tumsaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Akkasumas, dooktar Haayilee Fidaa fi namoonni biroo qabsoo siyaasaa fi hawaasummaa Itiyoophiyaa keessatti gahee guddaa bahachuu isaanii ibsan.
Dooktar Abiy Ahimad, gumaachi Haayilee Fidaan Qubee Afaan Oromoo kalaquu fi ijaarsa biyya Itiyoophiyaa keessatti sektaroota garaagaraa, keessumaa sirna faayinaansii buuureessuufi dameewwan biroo keessatti gahee guddaa bahachuu ibsan.
Haga fedhe Oromoon sirna bulchiisaa dhufani darbaniin midhamuus aarsaafi hojii goototasaa dagachuufi dabarsee kennuun garuu gantummaadha.Gantummaan ammo nu biratti safuudha jedhan.
Akka waliigalaatti, abbootiin Oromoo biyya kanaaf dhiiganii, itti cabaanii fi aarsaa kaffalanii asiin nuun gahaniiru, ummanni Oromoo ijaarsa Itiyoophiyaa haraa keessatti gahee guddaa bahachuu isaa ibsan.
Kanaaf jedhan Dooktar Abiy, ”Haphee tokkummaa Itiyoophiyaa tuffachuun tokkummaa Itiyoophiyaa barbaaduun hindanda’amu, Oromoon biyya bulchuu, guddisuu fi ijaaruu akka danda’u qabatamaan argisiiseera, jijjiramni amma biyyattii keessatti dhufaa jirus warra kaleessa ija shakkiin ilaalaa turan afaan qabachiiseera.”
Gammachiis Taarikuutiin
#Oromia #Ethiopia