Paarkii Araadaa carraa hojii fi tuurizimii guddisuuf gahee olaanaa qaba – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) — Paarkiin Araadaa magaalaa Finfinnee keessatti ijaarame carraa hojii uumuu fi tuurizimii guddisuuf gahee olaanaa qaba jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin, Paarkiin Araadaa kennaa magaalaan Finfinnee hawaasaaf walqixxummaan dhiyeessite ta’uu ibsaniiru.

Paarkichi kutaalee hawaasaa hunda karaa hammatuun bilisaan kan dhiyaate, bakka tajaajila waliinii ta’uu ibsaniiru.

Paarkichi lammiilee hedduuf carraa hojii bal’aa uumuu fi tuurizimii guddisuun dinagdee waliigalaa keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Hawaasni yeroo isaa maatii fi hiriyoota waliin Paarkii Araadaa bareedaa kana keessatti haala gaariin akka dabarsuunis hawaasa affeeraniiru.

Comments (0)
Add Comment