Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa har’a taphoonni 3 ni taphatamu

Finfinnee, Eebla 26, 2018(FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 30ffaan har’a taphoonni 3 ni taphatamu.

Haaluma kanaan har’a waaree booda sa’aatii 7:00 jalqabee Walaayittaa Diichaan Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti Hadiyaa Hoosa’inaa keessummeessa.

Sa’aatii 10:00 eegalee Magaalaan Hawaasaa Shaggar waliin taphata.

Akkasuma sa’aatii 10:00 jalqabee morkiin Machaal Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Magaalaa Adaamaa waliin taasisu ni eegama.

Taphoota hanga ammaatti taphatameen Bunni Sidaamaa qabxii 55’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 47’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 45’n sadarkaa 3ffaarra jiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment