Piriimeer Liigii Itiyoophiyaan har’a taphoonni 3 ni taphatamu

Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) –Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 30ffaan har’a taphoonni 3 ni taphatamu.

Haaluma kanaan waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Bunni Sidaamaa Istaasiyeemii Finfinneetti Madin Itiyoophiyaa keessummeessa.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Faasiil Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Magaalaa Bahiirdaar waliin taphata.

Galgala sa’aatii 12:00 eegalee morkiin Yuunivarsiitiin Walwaaloo Addigiraat Nageellee Arsii waliin taasisu ni eegama.

Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 55’ liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 48’n sadarkaa fi Nageellee Arsiin qabxii 45’n sadarkaa 3ffaarratti argamu.

Comments (0)
Add Comment