Finfinnee, Hagayya 30, 2018(FMC)- Tapha Piriimer Liigii Inigilaand torbee 3ffaan har’a taphoonni 7 ni taphatamu.
Galgala sa’aatii 11:00 irraa eegalee Maanchistar Siitiifi Koovantirii Siitiin walmorkatu.
Sa’aatuma walfakkaataatti Bireentifoord- Sandarlaand, Biraayitan- Liids Yuunaayitid, Fuulhaam- Kiristaal Paalaas akkasumas Nooteengaam Foorest fi Tootanhaam Hootispar ni taphatu.
Taphoota kanneen dursee guyyaa sa’aatii 8:30 irraa eegalee Niwukaasil Yuunaayitid Istaadiyeemii Seenti Jeemsitti Boornimaawuz waliin kan morkatu ta’a.
Galgala sa’aatii 1:30 irraa eegalee ammoo Haal Siitiifi Aston Viilaan ni taphatu.
Tapha Piriimer Liigii Ingilaand torbee 3ffaa kaleessa galgala taphatameen Liivarpuul Ipsiwiich Taawuniin galchii 2 fi 0 injifateera.
#Oromia #Ethiopia