Finfinnee, Ebla 8, 2018 (FMC) – Pirojektiin maddisiisa annisaa qilleensaa Asallaa misooma naannawichaa saffisiisuuf dandeettii guddaa uuma jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Obbo Shimallis Abdiisaan haasawaa eebba pirojektichaa irratti taasisaniin, mootummaan jijjiiramaa hojiilee misoomaa jireenya lammiilee bu’uurarraa fooyyessan hojjechaa turuu yaadachiisan.
Godinni Arsiis godinaalee naannichaa dandeettii misoomuu olaanaa qaban keessaa tokko ta’uu kaasanii, naannawichatti hojiileen misoomaa babal’aan hojjetamuu dubbataniiru.
Qonnaan bultoonni godinichaa inisheetiiviiwwan haaraa ariitiin hojiitti jijjiiruun sadarkaa warreen kaaniif muuxannoo qooduurra waan gahaniif galateeffatamuu qabu jedhan.
Mootummaan naannichaa bu’uuraalee misoomaa misooma naannichaa ariifachiisan diriirsuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa akka tures yaadachiisaniiru.
Keessumaa waliingahiinsaafi uwwisa daandii guddisuuf ijaarsa daandiiwwan buleeyyii xumuruurra darbee daandiiwwan walquunnamsiistuu haaraa ijaaruu dubbatan.
Damee fayyaanis hospitaalonni hedduun ijaaramuun gara hojiitti galuu kaasanii, ijaarsi pirojektii bishaan dhugaatiifi bu’uuraalee misoomaa jallisiis hojjetamuu eeran.
Hojiileen jireenya uummataa jijjiiruuf dandeessisan kunneen cimanii kan itti fufan ta’uu fi milkaa’ina kanaaf hoggansi hundi kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Maddisiisni annisaa qilleensaa Asallaa guyyaa har’aa eebbifames misooma naannawichaa saffisiisuuf dandeettii guddaa kan uumu ta’uu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.
Uummanni godinichaa carraa gaarii argatetti fayyadamuun hiyyummaafi booddeetti hafummaa dhabamsiisuuf tumsuu akka qabus kaasaniiru.
Kana malees uummanni qabeenya argate qusachuun gara invastimantiitti ce’uun of jijjiiruu akka qabu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia