Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC)- Poolisiin Federaalaa akkaataa seenaa fi guddina Itiyoophiyaa madaaluun karaa ammayyawaa ta’een hojjechaa jira jedhan Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel.
Jeneraal Dammallaash turtii FMC waliin taasisaniin, jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormii hojiirra kan oolche dhaabbatichi yakka dursee ittisuuf gahuumsa cimaa ijaareera jedhan.
Kunis haaloota jijjiiramoo fi addunyaa diijitaalaa waliin akka imalu taasiseera jechuun ibsaniiru.
Haaluma kanaan Poolisiin Federaalaa akkaataa seenaa fi guddina Itiyoophiyaa madaaluun hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsuun, yakkoota idil addunyaa fi daangaa ce’oo ittisuun hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru.
Dhaabbatichi namoota gocha daddabarsi namootaa seeraan alaarratti kallattii garaagaraan hirmaatan hidhata isaanii waliin to’annoo jala oolchuun seeraaf dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa bira darbee ittisa yakkoota idil addunyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuus dubbataniiru.
Dhaabbilee idil addunyaa damicharratti bobba’an waliin qindoomuun dhiibbaa dhaabbatichaa ol kaasuun danda’amuu eraniiru.
Amalawarqi Dammisewutu gabaase.