Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC)- Poolisiin Magaalaa Finfinnee daandiiwwan Ayyaana Damaraa guyyaa boruu kabajamu sababeeffachuun konkolaattootaaf cuufaman ifoomseera.
Haaluma kanaan Fulbaana 16, 2019 sa’aatii 5 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’uun ibsameera.
• Marfata 22 gara Addabaabayii Masqalaa Addabaabayii Uraa’eel kara gadii fi oliin.
• Buufata Xiyyaaraa Boolee irra gara Addabaabaayii Masqalaa Dambal ykn Olompiyaarratti.
• Goofaa, bakka Bultii taabootaan gara ibsa Laga harree ykn qaxxamura bataskanaa Qirqoos.
• Addabaabaayii Meeksikkoo gara Istaadiyeemii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Gamoo geengoo irratti.
• Laga harree teelee irraa gara Istaadiyeemii qaxxamura Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Gamoo Geengoo
• Daandii Charchil, Ambaasaaddara irraa gara Addabaabaayii Masqalaa Ibsa Harrambeerratti.
• Daalatti (Kiiloo Afurii), Ministira Dhimma Alaa gara Addabaabaayii Masqalaa gara qaxxamura Masaraa Biyyaalesaarratti.
• Kaazaanchiis irraa gara qaxxamura Hoospitaala Maqraz irratti konkolattootaaf cuufaa ta’uu ibseera.
Ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee daandiilee caqafaman kanneen irra konkolattoota dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu eereera.
Poolisiin magaalichaa hawaasni tajaajila poolisii argachuuf kara lakkoofsa Bilbilaa 01-11-11-01-11 ykn sarara bilisaa 990 irratti bilbiluun ergaa dabarsuu akka danda’uu himeera.