Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC) – Afrikaan qabeenya qabdu faayidaa waloof oolchuuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu Itiyoophiyaa ergaa dabarsite jedhan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon.
Walga’iin Mana Maree Gamtaa Afrikaa 49ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Walga’ichi baajata gamtichaa, faayinaansiin of danda’uu, riifoormii caasaa fi dhimmoota ardichaa biroorratti mari’achaa jiraachuu Ambaasaaddar Nabiyaat himaniiru.
Rakkoolee idil-addunyaa mudatan furuuf furmaanni Afrikaa qophaa’uu akka qaba Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos hubachiisuu Ambaasaaddar Nabiyaat ibsaniiru.
Jijjiiramni qilleensaa rakkoolee idil-addunyaa biroo waliin walqabatee addunyaa qormaata cimaaf saaxilaa jiraachuu waloon qolchuun akkaan barbaachisaa ta’uu akeekuu isaanii kaasan.
Gamtaan Afrikaa dhaabbilee idil-addunyaa keessatti gahee Afrikaan qabdu sadarkaa madaalawaadhaan dhageessisuuf mootummaa fi uummata Afrikaa bakka bu’ee sagalee cimaa ta’uu akka qabu yaadachiisuu isaanii himan.
Itiyoophiyaan waltajjichaan qabeenya Afrikaa faayidaa waloof oolchuuf biyyoonni Afrikaa walta’iinsaan hojjechuun akka qaban ergaa murteessaa dabarsuu ishee dubbachuu ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia