Finfinnee, Waxabajjii 11, 2018(FMC)- Haleellaa saayibarii ittisuun qabeenyawwan diijitaalaa biyyaalessaa fi dhaabbataa dammaqinaan eeguun hojii jabanni kun barbaadudha jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Giddugalli Saayibarii Raayyaa Ittisaa leenjitoota bu’uuraa saayibarii guyyaa har’aa eebbisiiseera.
Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa wayita kana raayyaan ittisaa teeknooloojii ammayyaa ofitti madaqsaa jiraachuu kaasanii, qophaa’ummaa damee saayibarii cimsee itti fufuu qaba jedhan.
Raayyichi jijjiiramaan asitti damee humna galaanarraa fi saayibariin gurmaa’iinsa isaa sadarkaa olaanaan fooyyessuun haleellaawwan keessoofi alaarraa aggaamaman fashaleessuu akka danda’e ibsaniiru.
Yeroo ammaa hojimaatawwan diijitaalaa jijjiiramaa waan jiraniif Giddugalichi qabeenyaafi nageenya dhaabbatichaa eeguuf hojii leenjisuu cimsee itti fufuu akka qabu eeraniiru.
Haleellaan saayibarii waraana dirree sadarkaa olaanaan kan qoru waan ta’eef qabeenyota diijitaalaa biyyaalessaafi dhaabbataa sa’aatii 24 dammaqinaan eeguun hojii jabanni kun gaafatu ta’uu hubachiisuu isaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia