Qabeenya tuurizimii keenya hojiirra oolmaa riifoormii diinagdee mandhaleef utubaa ijoo gooneerra- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 11, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad qabeenya tuurizimii keenya hojiirra oolmaa riifoormii diinagdee mandhaleef utubaa ijoo gooneerra jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, qabeenyi tuurizimii keenya abbootii keenyaan kan eegameefi qabenya nutti ce’e waan ta’eef hojiirra oolmaa riifoormii diinagdee mandhalee keenyaaf utubaa ijoo gooneerra jedhan.

Haroon Dandiifi naannawaan isaa qabeenyaafi miidhagina uumamaan kan badhaadhe qofa osoo hin taane seenaa durii kan eegeefi hiikkaa seenaa guddaa akka qabu ibsaniiru.

Loojiin Haroo Dandii guyyaa har’aa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti eebbifameera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment