Qilleensa Jijjiiramaa fi Imala Bilisummaa Ummata Tigraay

Ummanni Naannoo Tigraay, “Meeshaa siyaasaa garee seeraan alaa ABUT (TPLF) taanee hin hafnu” jechuun sagalee isaa dhageessisaa jira.

Ummanni kun uummata sabboonaa seenaa dheeraa fi aadaa cimaa qabuu fi tokkummaa Itiyoophiyaa eeguuf wareegama guddaa kaffalee dha.

Gareen seeraan alaa ABUT waggoota 50 oliif, yeroo bosona seenee kaasee maqaa ummata Tigraayiin daldalaa jira.

Yeroo bosona turetti, “Yoon mootummaa ta’e jireenya kee nan jijjiira” jechuun deeggartoota isaa abdii sobaan guutaa ture.

Gaafa aangoo mootummaa qabates ofiisaa qofaaf malee ummata Tigraayiif hojii bu’aa qabu tokkoollee hin hojjenne.

Ummanni Tigraay akkuma ummatoota Itiyoophiyaa biroo hunda carraa addaa tokko illee hin arganne.

Fedhiin uummataa jireenya nagaa fi tasgabbaa’aa jiraachuu qofa ture.

Gareen seeraan alaa kun aangoo mootummaa Federaalaa erga dhabee boodas, akkuma yeroo bosona turetti ummata Tigraay faayidaa siyaasaa mataa isaatiif meeshaa godhachuun itti fayyadamuu itti fufe.

Gochaalee seeraan alaa, gantummaa biyyaatti fi saamicha qabeenyaa raawwate irraa of dhoksuuf, “Jireenyi kee balaa irra jira” jechuun odeeffannoo sobaan ummata qabee tursiise.

Kanaanis humna ummataa saamaa, gara walitti bu’iinsaatti oofaa, obboloota isaa ummatoota Itoophiyaa irraa adda baasuuf yaale.

Hariiroon dinagdee fi hawaasummaa isaa akka laafu, biyya mataa isaa keessattis akka nama alagaatti akka of ilaalu taasise.

Erga gareen kun daandii kana jalqabee waggoota 50 ol ta’e kanatti Tigraay hacuuccaa isaa jala jiraachuuf dirqamteetti.

Dargaggoonni waraana hin barbaachifne keessatti akka hirmaatan, haadholiin gadda keessa akka jiraatan, daa’immanis barnoota isaanii irraa akka fagaatan dirqisiiseera.

Gantummaa fi ergamtummaa garee kanaatiin haadholiin Tigraay fedhii isaanii malee ijoollee isaanii hedduu wareegama hin malle keessatti dhabaniiru.

Haalli ummata humnaan to’achuu kun garuu amma xumura isaa irra ga’aa jira.

Gareen kun humnaan ummata ukkaamsee turus, haalli amma jijjiiramaa jira.

Ummanni Tigraay waraanni bu’aa akka hin qabne sirriitti hubateera.

Gareen kun lubbuu ofii baraaruuf dargaggoota humnaan walitti qabuun leenjii waraanaatti geessuun, kan didan immoo ajjeesaa jira. Haa ta’u malee, yeroon isaa xumuramaa jira.

Ummanni Tigraay nageenyi fi faayidaan isaa kan eegamu ummatoota Itoophiyaa biroo waliin nagaan, haqaa fi walqixxummaan yoo jiraate qofa ta’uu hubateera.

Kanaafuu garee kana of irraa fonqolchuuf, waamicha humnaan walitti qabamuu ni morma.

Kaayyoo hamaa garee kanaa waan hubateef gara obboloota isaa naannolee birootti deebi’aa jira.

Waggoota 50 keessatti misooma dhabuun, walqoqqoodinsi keessaa, malaammaltummaa fi aangoo qofa barbaaduun, amantii uummanni garee kana irratti qabu guutummaatti balleesseera.

Amma ummanni mirga isaa kabachiifachuuf, hiree ofii ofiin murteessuuf fi warra maqaa isaatiin daldalaniin “Ga’ee!” jechuun ka’aa jira.

Haadholiin Tigraay, “Ijoollee keenya waraanaaf hin kenninu” jechuun mootummaa mormaa jiru; dargaggoonnis barruulee waamicha diddaa magaalota keessatti facaasaa jiru.

Finfinnee keessatti hiriirri mormii geggeeffameera. Warri aangoo qofa barbaadan bulchiinsa yeroo naannichaa diiganii waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa guutummaatti cabsanii socho’aa jiru.

Ummanni Tigraay qabeenya dhuunfaa yookaan meeshaa daldala siyaasaa garee seeraan alaa ABUT miti.

Mootummaan Ida’amuus fedhii ummataa dhaggeeffachaa jira.

Ummanni kun dhiphina fi rakkoo guddaa dandamatee, yeroon hacuuccaa fi ukkaamfamuu irraa bilisa itti ba’u fagoo hin jiru.

Tooftaan siyaasaa gareen seeraan alaa ABUT ummata uukkaamsuun itti fufuuf yaade xumurameera.

Obboloonni naannolee biroos ummata Tigraayiif cinaa dhaabbachaa ani siif jira jechaa jiru.

Fuuldurri Tigraay karaa nageenyaa, misoomaa fi obboloota Itiyoophiyaa waliin badhaadhina uumuuti malee, iddoo gareewwan badii itti dhokatan hin ta’u.

Comments (0)
Add Comment