Qonna damee hoortikaalcharii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Ministeericha

Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) –Qonna damee hoortikalcharii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.

Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Addisuu Araggaan Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adamii Tulluu Gidoo Kombolchaatti hojiilee misooma qonnaa garaagaraa daawwataniiru.

Bara kana Itiyoophiyaan Alergii omisha damee Hortikaalcharii irraa galii Doolaara miiliyoona 600 argachuuf karoorfattee hanga ammatti Doolaara miiliyoona 400 fi miiliyoona 8 fi kuma 200 argachuu ibsan.

Oomisha kuduraalee fi muduraalee addatti oomisha avookaadoon Pirojektiin misooma avokaadoo biyyoolessaa hundeeffamee hojjetamaa jiraachuu eeruun, oomisha kuduraa hektaara kuma 100 fi kuma 92tti guddisuuf hojjetamaa akka jirus dubbatan.

Dameen hortikaalchari carraa hojii uumuu fi galii sharafa alaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Karoora qonnaa waggaa 10n damee xixiqqaa irratti xiyyeeffataman keessaa tokko misooma hortiikaalcharii ta’uu ibsan.

Feenan Niguseetiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment