Qormaanni kutaa12ffaa kennamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2018 (FMC)- Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa guutuu biyyatiitti kennamuu eegaleera..

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan giddugala Qormaataa Mana Kitaabaa Abrihootitti argamuun ifatti eegalchiisaniiru.

Bara kana barattoonni kumni 500 fi kumni 63 fi 501 qormaaticha ni fudhatu.

Qormaatichi marsaa 6’n onlaayinii fi waraqaan kan kennamu yoo ta’u, barattoonni qormaaticha fudhatan siistamicharratti shaakala fudhachaa turaniiru.

Barattoonni kumni 300 fi kuma 6 fi 456 Saayinsii Umamaan kan qoraman yoo ta’u, barattoonni kuma 200 fi kuma 57 fi 5 Saanyinsii Hawaasaa kan qoraman ta’uun ibsameera

Sa’aadaa Geetaachootu gabaase.

Comments (0)
Add Comment