Finfinnee, Waxabajjii 22, 2018(FMC)- Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 borurraa eegalee hanga Adoolessa 16, 2018’tti marsaa jahaan kennama.
Qormaatichaaf barattoonni saayinsii uumamaa kumni 300 fi kumni 6 fi 456 akkasumas kan saayinsii hawaasaa kumni 200 fi kumni 57 fi 45 waliigalaan barattoonni kumni 500 fi kumni 63 fi 501 galmaa’uu Tajaajilli Barnootaafi Madaallii Qormaataa beeksiseera.
Tajaajilichi qophiilee qormaataaf barbaachisan xumuruufi raawwachiistonni qormaataa gara giddugaloota qormaataatti bobba’uu ibseera.
Barattoonni wayita gara giddugaloota qormaataatti dhiyaatan kaardii seensa qormaataa( Admission Card), waraqaa eenyummeessaa barataa yookaan waraqaa eenyummaa, kobbee (qalama) bulchiinsa qormaataan eeyyamamee fi waraqaa duwwaa qabatanii dhiyaachuu qabu.
Meeshaalee akka Bilbila Moobaayilaa, Sa’aatii Ismaartii, Biluutuuzii, Eerfoonii, Filaashii Diiskii, Kaardii Miimoorii, Laaptooppii dhuunfaa fi kanneen biroo qabatanii gara kutaa qormaataa seenuun akka hin eeyyamamne hubachiiseera.
Qormaatichi karaa oonlaayinii marsaa jahaan kan kennamu yoo ta’u barattoonni saayinsii uumamaa waraqaan qoraman Adoolessa 1 hanga 3, barattoonni saayinsii hawaasaa ammoo Adoolessa 6 hanga 8, 2018’tti akka qoraman ibsameera.
Ministeerri Barnootaa barattoota qormaaticha fudhataniif carraa gaarii hawwuun qormaaticha tasgabbiin, naamusa gaariin fi ofitti amanamummaan akka qoraman dhaameera.
#Oromia #Ethiopia