Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC) – Raayyaa Ittisaa waraana dursee beekuu, yeroo gabaabaatti xumuruu fi injifannoo waaressuu danda’u ijaaraa jirra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaada fi gaaffii miseensoota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarra dhiyaataniif ibsaa fi deebii kennaa jiru.
Itiyoophiyaan qormaatilee heddu dandamachuun aadaa, duudhaalee fi qaroomina qabattee har’a gahuu ibsan.
Ijoolleen Itiyoophiyaa gatii olaanaa kaffalanii biyya isaanii tursiisaniiru jedhan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa cimuun obboloota keenyaaf sodaa osoo hin taane gaachana jedhan.
Diinni daangaa Itiyoophiyaa sarbe akka hin oofkalle hubachuu qaba jedhan.
Raayyaan Ittisaa Biyyaa Itiyoophiyaa kallattii hundaan ijaaramaa jiraachuu ibsan.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Uffata seeraa Raayyaa Ittisaa fi Nyaataan ofiin of danda’ee biyya keessatti qopheessuu danda’eera jedhan.
Meeshaalee waraanaa ammayyaa yeroo tokko tokkotti qiyyeeffannoo hedduu raawwachuu danda’an hidhachaa jiraachuu kaasan.
Humna namaa ga’umsa olaanaa qabu hedduu horachuun danda’amuu himan.
Raayyaan wayita ammaa dhaabbata walitti bu’iinsa hambisu, ittisuu fi injifannoo itti fufsiisu ta’eera jedhan.
Meeshaaleen waraanaa humni qilleensaa yeroo ammaa hidhataa jiru sodaa nageenyaa fagootti qolachuu kan danda’u ta’uu eeran.
Itiyoophiyaan nageenya Afrikaa waaressuuf qophaa’aa jirti jechuun ibsan.
Raayyaa Ittisaa waraana dursee beekuu, yeroo gabaabaatti xumuruu fi injifannoo waaressuu ijaaraa jirra jedhan.
#MullataGuddaa#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa