Raayyaan faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi nageenya naannawicha eegsisuu ijaarame – Injiinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Bitootessa 22, 2018 (FMC)- Jijjiirama biyyaalessaan Raayyaan Kabaja Itiyoophiyaa, faayidaa biyyaalessaa fi nageenya naannawichaa eegsisuu ijaarameera jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad.

Dhaabbilee nageenyaa cicimoo fi amansiisoo ijaaruun utubaawwan riifoormii biyyaalessaa keessaa tokko ta’uu ibsuun, Raayyaan Ittisa waggoota jijjiiramaa darban keessaa hojiileen riifoormii hedduu taasisuu eeraniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa haleellaa kallattii kamiinuu jiraachuu malu qolachuuf Humna Qilleensaa gahoome, Humna Lafoo, meekaaniyizdii, Humna Galaanaraa, Duula Addaa fi humni Saayibarii cimaan ijaaramuu kaasaniiru.

Humna namaan, gurmaa’iinsaa fi teeknooloojjii loltummaan dhaabbanni cimaan ijaaramuu kaasuun, Raayyaan ergama isaa gahuumsaan bahatuufi waraana fagootti qolachuu danda’amu ijaarameera jedhan Injiinar Ayishaan.

Waggoota jijjiiramaa Raayyaan dandeettii, naamusa, loogummaa kamiiraayyuu bilisa ta’uun heera mootummaa fi biirmadummaa biyyaaf dhaabbachuu danda’u ijaaramuu ibsuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment