Finfinnee, Adoolessa 10, 2018 (FMC) – Rakkoolee hawaasa mudatan furuuf Buusaa Gonofaan hojiilee jalqabe cimsuu qaba jedhan Ittaanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.
Hojiin deeggersa namoomaa Oromiyaarra darbuun naannolee ollaaf qaqqabuu jalqabe akka jabaatuuf qophaa’ummaan Buusaa Gonofaa cimuu qaba jedhan Walitti qabaan Gaaddisa Buusaa Gonofaafi Pireezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.
Buusaa Gonofaan Oromiyaa erga hundaa’ee yeroo gabaabaa keessatti gargaarsa argamuufi ofii oomishuun tumsa namoomaarratti jijjiirama guddaa fidaa jiraachuu kaasan.
Buusaa Gonofaan Oromiyaa erga hundaa’ee as miseensota miliyoona 29.4 caalan horachuun bara 2018 buusii miseensotaafi gumaata Buusaa Gonofaarraa Birrii biiliyoona 4.9 ol argachuu ibsan.
Buusaa Gonofaan Oromiyaa gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti dhaadannoo jedhu qabachuun hojii midhaan oomishuu, Warshaa invastimentii Qonnaa Qindaa’aa ijaaruu, tajaajila geejjibaa jalqabuufi hojiiwwan garaagaraarratti hirmaachuun rakkoo hawaasaa furuu jalqabe cimsee itti fufas jedhan Hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Mohaammad Jundaan.
Yaa’iin Waliigalaa Miseensota Buusaa Gonofaa Oromiyaa 3ffaan Magaalaa Adaamaatti taa’amaa jira.
Buusaa Gonofaa namoomaaf oolchuuf hojii hojjetameen hawaasni hedduun balaa uumamaafi namtolcheerraa baraaramuu Walitti qabaan Yaa’ii Waliigalaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuun.
Hojiilee Buusaa Gonofaan hanga yoonaatti hojjetamanis yeroo rakkoo waliif birmachuurra darbee bu’uuraan hawaasa tajaajiluuf hojiilee invastimentii, qonnaa, tajaajila, geejjibaa, maanufaakchariingiifi kanneen biroo keessa seenuun birmadummaa mirkaneessuu jalqabeera jechuu isaanii ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia