Ramaddii haaraan kaffaltoota gibiraa bara baajataa 2019 irraa eegalee hojiirra oola- Ministeericha

Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC)- Ramaddii haaraan kaffaltoota gibiraa bara baajataa haaraa irraa eegalee hojiirra oola jedhe Ministeerri Galiiwwanii.

Gabaasni hojiilee koreen ramaddii kaffaltoota gibiraa bara baajataa 2019 hojjete dhiyaateera.

Ministirri Galiiwwanii aadde Ayinaalam Nugusee wayita kana, ramaddii haaraan kaffaltoonni gibiraa tajaajila barbaachisaa akka argataniif kaayyeffachuu ibsan.

Waliingahiinsa Ministeerichaa cimsuuf akkasumas gurmaa’iina kaffaltoota gibiraa babal’isuuf kan dandeessisu ta’uus eeraniiru.

Fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf qooda olaanaa akka qabu kaasanii, hojiirra oolmaa isaaf qaamoleen dhimmi ilaallatu itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan dhaamaniiru.

Ramaddiin kun muuxannoo idil-addunyaa bu’uura godhachuun akka hojjetameefi kaffaltoota gibiraaf tajaajila barbaachisaa kennuun galii sassaabamu guddisuuf shoora olaanaa qabaachuu eeran.

Ramaddiin kaffaltoota gibiraa kun bara baajataa haaraa irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’uu Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment