Faayidaa biyyaalessaa, nageenya lammiilee, sirna heera mootummaa,daangaa biyyaa kabachiisuu fi tiksuu keessatti dhaabbileen nageenyaan qooda olaanaa qabu.
Raayyaan Ittisaa,dhaabbileen nageenya odeeffannoo, Poolisii fi caasaaleen nageenyaa biroon utubaalee bu’uura birmadummaa biyyaa keessaa adda dureedha.
Riifoormiin kunis dhaabbileen nageenyaa caalmaatti tajaajilaa ummataa akka ta’aniif bu’uura seeraa fi gaafatamummaa cimsuuf kan kaayyeeffateedha.
Kunis caasaa, hoggansa, humna namaa, hammattoo seeraa,Teeknooloojii fi sirna itti gaafatamummaa fooyyessuu hammata.
Itiyoophiyaanis dhaabbilee Nageenyaarratti riifoormii hedduu gaggeessiteetti.
Damee Raayyaa Ittisaa, Humna Qilleensaa, Humna Galaanaa fi sirna odeeffannoo dijiitaleessuurratti hojiileen hedduun hojjetamaniiru.
Seera ittisaa haaraan, Raayyaan Ittisaa Biyyaa garee siyaasaa irraa bilisa ta’ee, biyya fi ummataaf akka dhaabbatu taasifameera.
Humna,meeshaa fi dandeettii isaatiin haaromfamee, ittisa lafa, bishaan,saayibarii fi hawaa hammachuun ijaarameera.
Akkasumas, Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa, Poolisiin Finfinnee fi kanneen naannolee, akkasumas Dhaabbileen Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaa,teeknooloojii fi dandeettii namaatiin cimuun, balaa dursee ittisuu irratti hojiilee bu’a qabeessa hojjetaniiru.
Fuuldurattis, nageenya amanamaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuun, xiyyeeffannoon guutuun gara misoomaatti akka deebi’u,gaheen uummataa fi mootummaa murteessaa dha.
Nageenyi humnaan osoo hin taane,amantaa uummataa, haqaa fi qoodinsa qabeenya sirrii irratti hundaa’uun akka ijaaramu, riifoormiin dhaabbilee hojjetameera.
Ijaarsi dhaabbilee cimaa, mootummaa biyyaa bu’uura jabaa irratti ijaaruuf filannoo ijoo ta’uu isaa amanuun, mootummaan Itiyoophiyaa hojii kana ogummaa, seeraa fi tarsiimoo cimaa jalatti gaggeesseera.
Aadaa marii dagaagsuun, rakkoolee mariidhaan furuuf kutannoon hojjetamaa jira.
Akkasumas, dhaabbileen nageenyaa fi ittisaa akka ammayyaa fi ogummaa olaanaa qabaatanitti haaromfamaniiru.
Hojiileen riifoormii waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojjetaman rakkoo dhaabbilee nageenyaafi tasgabbii gara carraatti jijjiiruun humnoonni nageenyaa teeknooloojiin, humna namaafi gurmaa’insaan ammayyaa’uun, halkaniifi guyyaa carraaquun fi tumsa uummatan bu’aa hunda galeessa galmeessaa jiru.
Hidhannoo ammayyaafi loojistiksii guutuu dabalatee leenjiifi humna poolisii piroofeeshinaalaa yeroo madaalu ijaaruun danda’ameera.
Raayyaan Ittisa Biyyaa haleellaa kallattii kamiinuu jiraachuu malu qolachuuf Humna Qilleensaa gahoome, Humna Lafoo, meekaaniyizdii, Humna Galaanaraa, Duula Addaa fi humni Saayibarii cimaan ijaarameera.
Kunis yakkoota daangaa ce’oo kanneen akka daddabarsa namoota seeraan alaa, meeshaalee waraanaa, sosochii shororkeessitootaa, walitti bu’iinsa daangaa ittisuun bu’aa gaarii galmeessaa jira.
Waliigalaan riifoormiin dhaabbilee nageenyaa, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, nageenya biyyaalessaa kabachiisuu, amantaa ummataa guddisuu fi ga’umsa dhaabbilee mootummaan cumsuuf adeemsa akkaan murteessadha.
#Oromia #Ethiopia