Riifoormii mootummaan gaggeesseen ENA’n lammaffaa dhalate jechuun ni danda’ama- obbo Sayifee Darribee

Finfinnee, Ebla 29, 2018 (FMC)- Riifoormii mootummaan gaggeesseen Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa (ENA)’n lammaffaa dhalate jechuun ni danda’ama jedhan Hojii Gaggeessaa Olaanaan dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribeen.

Obbo Sayifee Darribeen waltajjii marii biyyaalessaa “ Milkaa’ina miidiyaa ijaarsa seenessaaf” jedhuun gaggeeffamaa jiru irratti, riifoormii mootummaan akka biyyaattiifi damichaan gaggeesseen ENA’n lammaffaa dhalate jechuun ni danda’ama jedhaniiru.

Riifoormiin yaadamaa, seeraafi gurmaa’iinsaa akkasumas hojimaataa gaggeeffame dhaabbaticha Afrikaarraa madda oduu amanamaafi dhiibbaa uumu gochuun dandeettii faayidaa biyyaalessaa eegsisuufi waliigaltee biyyaalessaa uumuu akka qabaatu dandeessiseera jedhan.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaa obbo Masaafint Tafarraa gama isaaniin, mootummaan jijjiiramaa miidiyaa maxxansaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun riifoormii bal’aa gaggeessuu ibsaniiru.

Rakkoolee dhaabbaticha mudatan adda baasuun deebii barbaachisaa kennuun tarkaanfii ijoo riifoormichaa ta’uu ibsuusaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment