Finfinnee, Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Qophaa’ummaa waraanaa raayyichaa mirkaneessuuf riifoormiin hunda galeessi tajaajila fayyaa teeknooloojiin deeggarame kennuuf dandeessisu taasifameera jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Dhaabbata idil-addunyaa Hindii garee Fayyaa Paadiyaat jedhamu waliin waliigaltee tumsaa sadarkaa indaastirii fayyaa guddisuuf dandeessisu mallatteesseera.
Injinar Ayishaa Mahaammad wayita kana waliigaltichi tajaajila Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Riiferaalaafi Garee Diyaagonistikii Raayyaa Ittisa Biyyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisudha jedhan.
Dabalataanis bu’uuraalee misoomaa fayyaa dhaabbatichaa, ce’umsa teeknooloojiifi beekumsaa guddisuun tajaajila fayyaa fooyya’aa kennuuf akka dandeessisu eeraniiru.
Qophaa’ummaa waraanaa raayyichaa mirkaneessuuf riifoormiin hunda galeessi tajaajila fayyaa teeknooloojiin deeggarame kennuuf dandeessisu taasifamuus kaasaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa gamasaaniin, waliigalteen dhaabbilee lameenii waadaa mootummaan uummataaf tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuuf seene qabatamaatti kan jijjiire ta’uu ibsan.
Imaammata fayyaa ittisuufi wal’aanuun fayyisuu bu’uura godhateen tajaajila fayyaa waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, waliigaltichi biyyarra darbee tuurizimii fayyaa Afrikaa cimsuuf dandeessisa jedhan.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindii Anii Kumaar Raay ammoo tumsi gama maraa biyyoota lameenii guddachaa dhufuu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia