Finfinnee, Adoolessa 30, 2018(FMC) –Riifoormiiwwan qulqullinaafi waliingahiinsa tajaajila fayyaa mirkaneessan hojiirra oolaniiru jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.
Waltajjiin waloo Ministeera Fayyaa, Biirolee Fayyaa Naannoleefi Bulchiinsa magaalotaa magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira.
Dooktar Maqdas Dhaabaa wayita kana damee fayyaa ammayyeessuufi tajaajila fayyaa waliin gahuuf hojiileen bu’aa qabeessa ta’an hojjetamaniiru.
Dhibeewwan daddarboofi hin daddarbine to’achuun, hubannoo hawaasaa guddisuurra darbee galtee fayyaa guutuun wal’aananii fayyisuurratti bu’aan galmaa’eera jedhan.
Bara baajataa 2018 galmoota misooma fayyaa giddugala godhachuun hojiileen diijitaalaayizeeshiniifi riifoormii qulqullina tajaajilaa, waliin gahiinsaafi haqummaa mirkaneessuuf dandeessisan hojjetamuu kaasaniiru.
Galmoota misooma fayyaa milkeessuufi tuurizimii fayyaa dhugoomsuuf misooma qabeenya namaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirus ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia