Sadarkaa Federaalaatti galiin Birrii Tiiriliyoona 1.1 walitti qabame- Aadde Ayinaalem Nugusee

Finfinnee, Ebla 15, 2018 (FMC) – Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nuguseen baatiiwwan saglan darban galiin Sadarkaa Federaalaa Birriin Tiiriliyonni 1.1 walitti qabameera jedhan.

Gamaaggamni raawwii guyyoota 100 kurmaana sadaffaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalem Nuguseen gamaaggama raawwii ilaalchiisee ibsa kennaniin, hojiilee waggoottan darban hojjetamaniin, akka biyyatti dandeettiin galii walitti qabuu fooyya’eera jedhan.

Kanaan dura galiin biyyaa gadi aanaa akka turee fi galii diinagdeen biyyaa maddisiisu walitti qabamuun fedhii misooma lammiileef oolchuu irratti hanqinni olaanaa turuu dubbataniiru.

Akkasumas waggoottan darban galiin akka biyyaalessaatti walitti qabamu biiliyoonota 100 kan hin caalle ta’uu yaadachiisuun, wayita ammaa fooyya’iinsi argamuu eeraniiru.

Haaluma kanaan baatiwwan saglan darban galiin Birrii Tiiriliyoonni 1.1 walitti qabamuu ibsuun, dhuma bara baajatichaatti galii Brrii Tiiriliyoona 1.5 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Soosinnaa Alamaayyootiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment