Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC)- Sagaleewwan Tarsiimawoo Itiyoophiyaa Waltajjii BRICS Irratti dhaga’amaniiru jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
BRICS gara tumsa bal’aatti guddateera. Yeroo ammaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa guutuu 11 kan qabu yoo ta’u, biyyoota michuu 10, kanneen walga’ii Kaazaan, Raashiyaa irratti ifatti labsamanis, sirna addaa tumsa michoomaa keessatti hammachuun dhiibbaa isaa daran cimsateera.
Gamtaan BRICS uummata addunyaa keessaa gara walakkaa, oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) addunyaa keessaa gara %40, akkasumas daldala addunyaa harka afur keessaa tokko bakka bu’a. Guddinni fi bal’inni isaa olaanaadha. BRICS kana booda tumsa idilee qofa miti; sirna diinagdee addunyaa keessatti humna ijoo ta’aa jira.
Biyyoonni miseensa BRICS ta’an sadarkaa idil-addunyaatti daangaa dhiibbaa uumtummaa isaanii kan bal’ifatan; qabeenya, teeknooloojii fi gabaa addunyaa keessatti wiirtuuwwan ijoo ta’aniiru. Carraaqqiin dippilomaasii bilchina qabu Itiyoophiyaan taasifte, fedhii biyyoonni hedduun qaban, miseensa tumsa kanaa ta’uu, akka milkeessituu fi carraa kana irraa akka fayyadamtu taasiseera.
Adeemsa kana keessatti Itiyoophiyaan faayidaa mataa ishee eegsisuu qofa osoo hin taane, sagalee Afrikaa ta’uun gaaffilee ardichaa fi hojiiwwan faayidaa waliinii mirkaneessan kutannoon hojjechaa jirti. Hojiiwwan hafan keessaa inni tokko carraa seenaa kana fayyadamuun dandeettiiwwan gurguddoo gamtichaa walitti hidhuun sona olaanaa uumuu fi sonni kun bakka qabeenyi sun argamutti kallattiin akka oomishamu taasisuudha.
Gama Kanaan Itiyoophiyaan misooma albuudaa, anniisaa haaromfamaa fi indaastirii guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsawwan tarsiimawaa kanneen dhugoomsuuf qophiidha.
Damee albuudaan, Itiyoophiyaan qabeenya akka liitiyeemii, tantaalamii fi potaashii kanneen teeknooloojii addunyaa fi ce’umsa anniisaa keessatti murteessaa ta’an biyya keessatti qindeessuun, cancala sona indaastirii keessatti hirmaachuuf hojii bal’aa hojjechaa jirti. Sosochiin kun biyyoonni qabeenya qaban meeshaa dheedhii qofa erguu irraa oomishaalee xumuraman akka oomishaniif kan dandeessisu boqonnaa diinagdee waloo uuma.
Gama biraatiin, Itiyoophiyaan dandeettii anniisaa haaromfamaa qabdu fayyadamuun biyyootaaf anniisaa magariisaa fi qulqulluu dhiyeessuufi waliingahuu dandeessi. Qabeenya humna bishaanii, ji’oo-teermalii fi aduu misoomsuun, naannawichaafis ta’e biyyyoota michuuwwaniif wiirtuu anniisaa amansiisaa akka taatuuf bu’uura cimaa kaa’aa.
Walitti hidhamiinsi diinagdee kun qabeenya baasuu fi qindeessuu qofa irratti kan hundaa’e qofa osoo hin taane ce’umsa teeknooloojii fi cimina dhaabbilee irrattis hundaa’uu qaba. Sirnoota hojimaataa keenya cimsuun, akkasumas hubannoo namtolchee dabalatee teeknooloojiiwwan haaraan fedhiiwwan misoomaa fi hawaasummaa Afrikaa sirriitti akka tajaajilan gochuuf tattaaffiiwwan waloo qindeessuun barbaachisaadha. Kanaafis Itiyoophiyaan kutannoo guutuu qabdi.
Guddinni waaraan akka mirkanaa’uuf sirnoonni faayinaansii haqa qabeessa ta’uu qabu. Kanaaf, biyyoota guddachaa jiran irratti dhiibbaa liqii jiru salphisuuf adeemsa amansiisaa fi haqa qabeessa liqii irraa aara galfannaa argamsiisuu diriirsuun murteessaadha. Waltajjiin BRICS tumsa Kibba-Kibbaa fayyadamuun sirni faayinaansii addunyaa haqa qabeessa ta’e akka diriiruuf sagalee cimaa dhageessisuuf dandeettii qaba.
Ce’umsa diinagdee cinatti, hojiiwwan eegumsa qabeenya qilleensaa wabii nyaataa fi misooma waaraa waliin walitti hidhuu barbaachisa.
Hojiileen akka Ashaaraa magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensa dandamachuu keessatti gahee qaban babal’isuun, waltajjiin BRICS tumsa waliinii gara duudhaa abatamaa, cichoominaa fi guddina waaraa walootti jijjiiruuf carraa seenaa qabeessa uuma.
Itiyoophiyaanis carraa kana, sagalee Afrikaa ta’uu dabalataan fayyadamuu jalqabdeetti.