Finfinnee, Fulbaana 14, 2019(FMC)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa eegumsa Sirnakkoo keessatti qooda olaanaa qaba jedhan Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Jilli Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen durfamu Yaa’ii Waliigalaa 81ffaa Mootummoota Gamtoomanii Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.
Pireezidaanti Taayyeen ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan waggoottan saddettan darban keessa miidhaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa hojiirra oolchuu ibsaniiru.
Sagantichi eegumsa sirnaakkoo keessatti gahee olaanaa qabaachuu kaasanii, hanga ammaatti Itiyoophiyaan biqiltuu biiliyoona 56 ol dhaabuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan sirna diijitaalaa saffisa olaanaan guddachaa jirurraa fayyadamuufis hojiilee hedduu hojjechaa akka jirtu eeraniiru.
Damichaan humna namaa beekumsaafi ogummaa gonfate horachuuf hojiilee bal’aan hojjetamuu ibsuun, sagantaa leenjii Koodaroota miiliyoona 5 akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Misooma teeknooloojii hubannoo namtolchee irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuufi yeroo dhiyootti Yuuniivarsiitiin hubannoo namtolchee hojii kan eegalu ta’uu eeraniiru.
Teewoodiroos Saahileen.