Sagantaan eegalchiisa dorgommii qorannoo fi teeknooloojii Idil Addunyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2018 (FMC) – Inistitiyuutiin Teekinikaa fi Ogummaa Itiyoophiyaa Sagantaa eegalchiisa dorgommii qorannoo fi teeknooloojii Idil Addunyaa gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti Ministir Deetaa Ministeera Hojii fi Ogummaa Dooktar Tashaalaa Bareechaa, leenjiin teeknikaa fi ogummaa misooma biyyaaf bu’uura ta’ee tajaajilaa jiraachuu dubbatan.

Dorgommicharratti qorannoowwan biyyoota addunyaa 16irraa , teeknooloojii fi bu’aaleen kalaqaa kan dhiyaatan ta’uu eeraniiru.

Dorgommiin qorannoo fi teeknooloojii Idil Addunyaa jalqabaa kun boru irraa eegalee guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’a.

Takkaallinyi Hayiluutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment