Seenessa dhugaa Afrikaa ijaaruu fi eenyummaa Afrikaa uumuuf…

Finfinnee, Ebla 30, 2018 (FMC) – Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afrikaa tokkummaa ardiilee ijaaruuf tarkaanfii tarsiimoodha jedhan hoji gaggeessaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Sayifee Darribeen.

Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa,”Pulse of Africa” fi AGA Tek Intarpiraayiziin qindaa’e gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon Yaa’ichaas Dhiibbaa uumtoota itti gaafatamummaa beekan jajjabeessuu, Dinagdee dijitaalaa ardittii cimsuu, Walta’iinsa uumuu fi galma Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa milkeessuu, Afrikaan seenessa ishee ofiin akka ijaartu, ilaalcha ardittii irratti qabamu guddisuu fi eenyummaa Afrikaa uumuudha jedhan.

Seenessa dhugaa afrikaa ijaaruu fi eenyummaa Afrikaa uumuuf dhiibbaa uumtootni miidiyaa hawaasummaa Afrikaa gahee olaanaa qabaachuu kaasan.

Waltajjichi yaa’ii qofaa osoo hin taane humna dhiibbaa keenya waliinii fayyadamnee waliin hojjechuufi ijaaruuf tarkaanfii wal fakkaataa itti fudhannuudha jedhan Obbo Sayifee Darribee.

Ambaasaaddara Aadaa fi Sagalee dhaloota haaraa Afriikaa ta’uu qabna jedhen Rogeeyyiin yaa’icharratti hirmaachaa jira.

Itiyoophiyaan bakka argama dhala namaa,bu’uura qaroominaa, mallattoo bilisummaa ummata gurraachaa fi bakka hambaalee hedduu eeraniiru.

Rogeeyyiin miidiyaalee hawaasaa biyyoota Afrikaa 30 irraa dhufan yaa’icharratti hirmaachaa jiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment