Seenessi biyya kanaa gostokkee ture- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 2, 2018 (FMC)- Seenessi Itiyoophiyaa baroota darban gostokkee ture jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Dhimmoota Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaarratti OBN waliin turtii taasisaniiru.

Dooktar Abiy turtii isaaniin, gaaffiileen qabsoo ummata oromoo erga deebi’ee rakkoo nageenya Naannoo Oromiyaa keessa jiruuf ka’umsi maali? gaaffii jedhuuf deebii kennaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad maddoota rakkoo nageenyaa Oromiyaaf sababoonni garaagaraa jiraachuu kaasaniiru.

Sababni jalqabaa amala ce’umsa siyaasaa gara diimookiraasitti taasifamu ta’uu himan.

Ce’umsi siyaasaa gara diimookiraasitti gaggeeffamu hundi fedhii fi yaada walqixa qaba jedhe waan amanuuf kallattii mataa isaan imaluu yaada jedhan.

Humnoonni hidhatanii bakkeewwan garaagaraa keessa socho’an wayita qofaa isaanii gama hundaan yaalanii dadhaban warra kaleessa isaan ajjeesaa, buqqisaa fi qabeenya isaanii samaa ture wajjiin firooman jedhan.

Adeemsi kun qofa qofaa mootummaa kana kuffisuu hin dandeenyu waan ta’eef waliigallee kuffisna jechuun kan qindooman ta’uu ibsan.

Warra alaa wajjiin firoomuun, humnoota biroo barbaachaa oolus jechuun ibsan.

Humni kun adeemsa keessa tasgabba’aa humni mootummaa cimaa ta’u amanaa jiru jedhan.

Ce’umsi gara sirna diimookiraasitti taasifamu kun sukkuummaa qabaachuu kaasaniiru.

Dooktar Abiy sababni ka’umsa rakkoo nageenyaa 2ffaan jijjiirama wiirtuu aangooti jedhan.

Murna xiqqaa kaleessa nu bitaa tureerra gara hunda hammachuutti ce’amu fedhiin wal dhiiba jedhan.

Inni sadaffaa dubbi ijoo madda rakkoo nageenyaa akka bu’uuratti ilaalamuu qabu seenessa araaramuu hin dandeenyetu Itiyoophiyaa keessa ture jedhaniiru.

Seenessi biyya kanaa gostokkeedha kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, Amantii, aadaa, eenyummaa fi afaan tokko kan seenesse ture jedhan.

Kun immoo mirga sabootaa fi sablammoota kan kabajee fi ilaalcha keesa galchee hin turre jechuun ibsan.

Inni biraa mirga sabaaf sablammii ni cunqursaa kun sirri miti fedhiin keenya waliin waliif hin ta’uu jedhanii warri qabsaa’an biroo immoo foxxoquudha warra jedhan of keessaa qabaachuu eeran.

Karaaleen kunneen hundi kan baasan miti kan fayyadu sabdaneessummaadha jedhan.

Abbaa biyyaa taanee biyyaaf dhignee haphee taanee Foxxoquun nun madaaluu, nuuf hin ta’uu kan nu maadalu diimookiraasii sabootaaf sablammii hammatuudha jedhaniiru.

Tsahaay Gulummaatiin.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment