Finfinnee, Adoolessa 29, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa umurii waggaa 20 gadii marsaa 21ffaan har’a Ameerikaa, Oriigantti ni jalqabama.
Shaampiyoonicharratti atileetonni 1,800 biyyoota 147 irraa dameewwan dorgommii 46’n ni hirmaatu jedhamee eegama.
Itiyoophiyaan shaampiyoonicha keessatti dorgommii meetira 5,000, meetira 3,000, meetira 1,500 fi meetira 800 irratti dhiiraa fi dubartootaan hirmaatti.
Kana malees dubartoonni dorgommii gufachiisaa meetira 3,000 fi 400 irratti ni hirmaatu. Akkasumas dorgommii deemsaa (race walk) irratti dhiiraa fi dubartoonni lamaaninuu ni dorgomu.
Guyyaa baniinsaa har’aa kana atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii xumuraa fi marsaa calallii ni gaggeessu.
Galgala keessaa sa’aatii 4:43 irratti dorgommii calallii meetira 800 dhiiraan Naga’ee Iyyaasuu fi Yeroosaan Girmaa ni hirmaatu.
Fageenya wal fakkaataa Dubartoonni ammoo halkan keessaa sa’aatii 5:35 irratti Habtaam Gabayyoo fi Daraartuu Shibbiruu dorgommii calallii isaanii ni gaggeessu.
Halkankeessaa sa’aatii 11:53 irratti dorgommii xumuraa meetira 5,000 dubartootaani Immabeet Xilahuun fi Almaaz Yohaannis meedaaliyaa jalqabaa Itiyoophiyaaf argamsiisuuf dorgommii cimaa akka geggeessan ni eegama.
Itti aansees ganama keessaa sa’aatii 12:20 irratti dorgommii xumuraa meetira 5,000 dhiiraan Mamaaruu Godee fi Daamxoo Kabbadaa ni hirmaatu.
Shaampiyoonaan kun Bulchiinsa Oriigan, magaalaa Yuujiinitti dirree atileetiksii Haywaardi irratti Adoolessa 29 irraa eegalee hanga Hagayya 3, 2018 tti ni gaggeeffama.
Warqinah Gaashaahutu gabaase
#Oromia #Ethiopia