Shaggaritti bara kana Inisheetivii Qamadii jallisii Bonaan lafa hektaara kuma 49 ol misoomsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara kana Inisheetivii misooma Qamadii jallisii Bonaan lafa hektaara kuma 49 ol misoomsuuf hojjechaan jira jedhe.

Jijjiirama yaadaafi Aadaa hojii; humna milkaa’ina imala hirkattummaa irraa gara of-danda’uutti taasifamu saffisiisuun Badhaadhina hunda-galeessa dhugoomsuuf xiyyeeffannoo hojjetamaa jira.

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbataa Aanaa Meettaatti facaasaan Oomisha kilaastera Qamadii jallisii bonee har’a gaggeeffameera.

Itti Aanaa kantiibaafi qindeessaan kilaastera misooma Baadiyyaa Obbo Mariid Dimmiruu, akkasuma ittigaafatamaa damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar obbo Alamuu Adoolaa dabalatee hooggantootniifi Qonnaan bultootni saganticharratti argamaniiru.

Magaalichatti bara kana inisheetiivii misooma jallisii bonaatiin lafa heektaara kuma 49 fi 616 Qamadiin uwwisuun callaa kuntaala miiliyoona 3.4 walitti qabuuf karoorfamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment