Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC) – Sirna bulchiinsa bishaanii qonnaa fi misooma jallisiif tajaajilu cimsuun barbaachisaa ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa yaadachiise.
Bahaa fi Giddugaleessa Garba Paassifikiitti hammi ho’aa dabaluu hordofee Naannawaa Itiyoophiyaa tokko tokkotti Eliniinoon mudachuu akka maluu fi Roobni Waqtii Gannaa dursee adda cituu akka danda’u Inistiityuutichi ibseera.
Baatii Waxabajjii darbe keessa Kutaalee Lixa, Kaabaa fi Kaaba Bahaa Rooba hammi isaa Miiliimeetira 100 ta’e argatanii turuu Ittaanaan Daayrektera Inistiityuutichaa Dooktar Asaamminoo Tashoomaan ibsaniiru.
Kunis qophii lafaa fi eegamusa naannoof gumachaa olaanaa taasisuu kaasan.
Inistiityuutichi mala saayinsaawaarratti hundaa’uun raaga haala qilleensa hojiilee qonnaa, qabeenya bishaanii, eegumsa naannoo fi sodaa balaaf fayyadu dursee odeeffannoo dhiyeessaa jiraachuu dubbatan.
Godinaalee Naannoo Tigraay, Giddugalaa fi Lixa Naannoo Amaaraa hamma Roobaa Idileen gadii argachuu akka danda’an raageera.
Faallaa kanaan Naannoo Beenishaanguul Gumuz, Lixa Oromiyaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa fi Gaambeellaa harki caalu hamma Roobaa idileen olii argachuu akka danda’an raagamuu ibsan.
Baatii Hagayyaa dhufu keessa Bahaa fi Giddugaleessa Garba Paassifikitti hammi ho’aa dabaluu hordofee Eliniinoon mudachuu akka danda’u ragaaleen jiran kan mul’isan ta’uu Dooktar Asaamminoon eeraniiru.
Sababa kanaan Bahaa fi Kaaba biyyattiitti Roobni Gannaa haala hin baramneen dursee adda cituuf carraan jiraachuu kaasan.
Damee qonnaa irratti dhiibbaa jijjiirama qilleensaan dhufuu maluu irraa of eeguuf, midhaan haala roobaa wajjin walsimu fayyadamuu, midhaan yeroo gabaabaa keessatti ga’u oomishuu, akkasumas sanyii hongee dandamachuu danda’u facaasuun barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Dabalataan hojii bishaan kuusuu fi cimmisuu, akkasumas sirna bulchiinsa bishaanii kan qonnaa fi misooma jallisii tajaajilu daran jabeessuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisan.
Qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi ogeeyyiin qonnaa, odeeffannoo haala qilleensaa bu’uura godhachuun hawaasa oomishtootaaf deeggarsa ogummaa barbaachisaa ta’ee fi hordoffii itti fufiinsa qabu akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia