Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC) – Sirni baniinsa tapha Guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaan magaalaa Jimmaa Istaadiyemii Yuunivarsiitii Jimmatti gaggeeffamaa jira.
Sagantichi bakka hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannoolee, qooda fudhattoonnifi keessummoonni garaagaraa argamanitti gaggeeffamaa jira.
Ispoorteessitoonnifi ogeeyyiin kuma 5 caalaan kan naannoolee 12fi Bulchiinsa magaalotaa 2 irraa dhufan dorgommicharratti akka hirmaatan ragaan ni mul’isa.
Taphni guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaan kun har’aa eegalee guyyoottan kurnan itti aananiif gosoota Ispoortii 26 wal dorgomsiisaa tura.
Dorgommichi mata duree “Ispoortii Gootummaa Gamtooma Itiyoophiyaaf!” jedhuun dorgomama.
Siifan Magarsaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.