Sirni walharkaa fuudhinsa Alangee Gadaa Tuulamaa marii Paanaaliin Finfinneetti kabajamaa jira

Finfinnee,Waxabajjii 4, 2018 (FMC) –Sirni walharkaa fuudhinsa Alanagee Gadaa Tuulumaa marsaa 71ffaan Gadaa Meelbaa irraa gara Muudanaatti taasifamu marii paanaaliin Finfinnee Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajamaa jira.

Saganaticharratti Abbootiin Gadaa Meelbaa fi Gadaa haaraa fudhatan, Af Yaa’iin Caaffee Oromiyaa Aaddee Sa’aadaa Abdurrahmaan ,Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa fi hoggantoonni Biiroolee Oromiyaa biroon akkasuma hawaasni bal’aan argamaniiru.

Sirni kun Waxabajjii 4-7/2018tti geggeeffamuun aangoon Alangee Gadaa Meelbaa irraa gara Muudanaatti kan dabarfamu ta’a.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment