Finfinnee, Ebla 29, 2018 (FMC)- Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu dandeettii oomishuu biyyattii kan agarsiisudha jedhan Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Pireezidaanti Taayyeee Atsiqasillaaseen Eksipoo 4ffaa Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu bara 2018 gidduugala Konveeshinii Idil Addunyaa Addisitti baname wayita daawwatan akka jedhanitti, dameen indaastirii guddina biyya tokkoof utubaadha.
Oomishaaleen Eksipoo kanarratti dhiyaatan dargaggoota keenyaan oomishamuun kan dinqisiifatamu jedhanii, dandeettiin oomishuu sadarkaa olaanaarra gahuufi biyyarra darbanii gara alaatti ergamuu akka danda’an ibsaniiru.
Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu sadarkaa oomishtummaa biyyattii kan guddisuu fi Embaasiiwwaniifi Miisiyoonota biyyoota garaagaraatti beeksisuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Agarsiisicharratti oomishtoonni guutuu biyyattirraa babba’anii fi Istaartaapponni garaagaraa hirmaachaa jiru.
Agarsiisa ‘Itiyoophiyaan haa Oomishtuu’ marsaa 4ffaa bara 2018 Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Ebla 25, 2018 banan guyyaa boru ni xumurama jedhameera.
Zufaan Kaasaahuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia