Finfinnee, Hagayya 14, 2018(FMC)- Hojiin Tajaajila Lammumaa hojii humna, faayidaa fi fedhii hawaasaan hojjetamudha.
Akka biyyaatti hojii kanaaf xiyyeeffannoo guddaan kennamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, bu’aa qabatamaanis irraa argamaa jira.
Guyyaa har’aa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Furiitti tajaajila lammummaa gannaatiin namoota harka qalleeyyiif deeggarsi garaagaraa taasifameera.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu wayita kana, hojiin tajaajila lammummaa duudhaa namoomaa ganamaa cimsuun badhaadhina maatii dhugoomsaa jiraachuu ibsaniiru.
Namoonni deeggaramanis deeggarsa isaanif godhametti gammaduu himuun, waan argatan kana ka’umsa godhachuun ittiin hojjetanii jijjiiramuuf qophii ta’uu dubbataniiru.
Yordaanos Mokonnin’tu.
#Oromia #Ethiopia