Finfinnee, Ebla 21, 2018 (FMC)- Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii tajaajilli geejjibaa gara idileetti deebi’uu beeksise.
Waraanni Baha- Giddugaleessaatti mudate gabaa boba’aa idil-addunyaa irratti dhiibbaa geessisuun qaala’iinsa gatii boba’aafi dhiyeessii irratti danqaa uumuu yaadachiiseera.
Haalli kun dhiyeessii boba’aa Itiyoophiyaa guyyaatti liitira miiliyoona 9 irraa gara liitira miiliyoona 4.5 hir’isuun tajaajila geejjibaa irratti danqaa uumee ture jedhe.
Mootummaan rakkoo kana to’achuuf sirreeffama taariifaa, fooyya’iinsa gurmaa’iinsa dhiyeesii fi qindoomina loojistiksii cimsuu dabalatee tarkaanfiwwan hedduu fudhachuu hubachiiseera.
Kunis dhiibbaawwan alaa jiraatanis tasgabbii diinagdee biyya keessaa eeguun fi tajaajiloonni uummataa akka addaan hin cinne gochuuf kallattii imaammataa mootummaan faayidaa uummataa dursuuf hordofu kan agarsiisudha jedhe.
Ministeerri Maallaqaa guyyaa har’aa Ebla 21,2018 dhiyeessiin boba’aa bakka isaa duraatti deebi’uu akka beeksise yaadachiisuun, haalli kun danqaawwan damee geejjibaa irratti mudatan ariitiin akka furaman godha jedhe.
Waan ta’eef guyyaa har’aa irraa eegalee danqaawwan hanqina boba’aan tajaajila geejjibaa irratti uumaman guutummaatti akka furamaniif hoggantoonniifi qooda fudhattoonni damichaa Finfinnee hanga naannolee jiran hundi bu’uura taariifa murtaa’een akka itti fufuuf hordofi akka godhaniifi hojiirra oolmaa isaas koree waloon akka mirkaneessan hubachiiseera.
Mootummaan tasgabbii jireenya uummataa mirkaneessuu, sosochii diinagdee itti fufsiisuufi tajaajilli geejjibaa karaa itti fufiinsa qabuun cimsuuf kutannoo isaa akka itti fufu ministeerichi ibseera.
#Oromia #Ethiopia