Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018(FMC)- Tapha waancaa Addunyaa ramaddii 2ffaan taphni Jarman fi Kootdiivaar haalaan eegama.
Taphichi Kaanaadaa Istaadiyeemii Tooroontootti galgala sa’aatii 5:00 irraa eegalee kan taphatamu yoo ta’u, gareen injifatu tapha mo’anii darbuutti makamuu isaa mirkaneeffata.
Tapha ramaddii jalqabaan Jarman Kuraasaa’oo galchii 7 fi 1’n akkasumas Kootdiivaar Ikkuwaadooriin galchii 1 fi 0’n injifachuun isaanii kan yaadatamudha.
Tapha biraan galgala sa’aatii 2:00 irraa eegalee istaadiyeemii Hiwustanitti taphni Neezerlaand fi Siwiidiin hawwiin eegama.
Siwiidiin tapha ramaddii jalqabaan Aljeeriyaa injifachuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u,tapha har’aa yoo mo’atte tapha mo’atanii darbuutti makamti.
Tapha ramaddii jalqabaan Jaappaan waliin galchii 2 qixa kan baate Neezerlaand ammoo dorgommicha keessa turuuf tapha har’aa kana injifachuutu irraa eegama.
Taphoota kaleessa galgala taphatamaniin Turkiyyeen Paaraaguwaayiin galchii 1fi 0’n injifatamuu hordofee tapha waancaa addunyaa kanarraa gaggeeffamteetti.
Siyaatilitti Awustaraaliyaa waliin kan morkatte Ameerikaan galchii 2 fi 0’n injifachuun Meeksiikootti aantee tapha mo’anii darbuutti makamteetti.
Taphoota biroon Biraaziil Haayitii galchii 3 fi 0’n Moorookoon ammoo Iskootlaandiin galchii 1 fi 0’n injifataniiru.
Abeel Niwaayiin.
#Oromia #Ethiopia