Taphataan sarara fuulduraa duraanii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Kabbaddaan boqote

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2017 (FMC) – Taphataan sarara fuulduraa duraanii garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Kilaba Qiddus Giyoorgiis Mulugeetaa Kabbadaan addunyaa kanarraa boqote.

Jifataa urjiin garee biyyaalessa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Kabbadaan dhibee isa mudateen yaalamaa turuun har’a addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.

Mulgeetaa Kabbadaan garee Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Kilaba Qiddus Giyoorgis keessa waggoota dheeraaf taphachaa kan ture yoo ta’u, taphataa ga’umsa dinqisiisaa agarsiisaa tureedha.

Iddoo lamaanittuu dursaa garee ta’uun tajaajileera.

Bara 1970 fi saddeettamoota keessa taphataa urjii Itiyoophiyaa kan ture Mulugaataa Kabbadaan, taphattoota ciccimoo Itiyoophiyaa keessaa nama tokko ture.

Sirni awwaalcha isaa boru bakka Awwaalchaa Musliimaa Kolfeetti argamutti akka raawwatu maatii isaa Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment