Finfinnee, Waxabajjii 18, 2018(FMC)- Taphoonni ramaddii waancaa addunyaa marsaa 3ffaan guyyaa har’as itti fufanii ni taphatamu.
Halkan sa’aatii 5:00 irraa eegalee dursitee darbuu ishee kan mirkaneeffatte Jarman Ikkuwaadoor waliin ni taphatti.
Taphoota ramaddii lameen kan injifatte Jarman qabxii 6’n ramaddicha dursaa jirti.
Ikkuwaadoor gama isheen taphoota lamaan qabxii 1 qabaachuun ramaddichaan sadarkaa 3ffaa irra jirti.
Ramaddiidhuma Kanaan sa’aatii walfakkaataatti Kootidiivaarii fi Kuuraasaa’oon ni taphatu.
Kootdiivaar qabxii 3 walitti qabachuun ramaddicharraa sadarkaa 2ffaarra kan jirtu yoo ta’u Kuuraasaa’oon ammoo sadarkaa dhumaarra jirti.
Tapha biroon Tuuniiziyaan halkan sa’aatii 8:00 irraa eegalee Neezarlaand waliin taphatti.
Neezarlaand qabxii 4 walitti qabachuun ramaddicha yoo dursitu Tuuniiziyaan ammoo qabxii tokko malee waltajjicharraa arii’amuu dhabuuf ni morkatti.
Ramaddiidhuma kanarraa sa’aatii walfakkaataatti taphni Jaappaaniifi Siwiidiin haalaan eegama.
Jaappaan qabxii 4’n galchiin caalamtee sadarkaa 2ffaa irratti kan argamtu yoo ta’u Siwiidiin ammoo qabxii 3’n sadarkaa 3ffaarra jirti.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen.
#Oromia #Ethiopia