Taphoonni Waancaa Addunyaa 23ffaan har’as itti fufuun ni taphatamu

Finfinnee,Waxabajjii 14, 2018 (FMC) – Taphoota Waancaa Addunyaa 23ffaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon waloon qopheessan oolmaa guyyaa 11ffaan har’a taphoonni eegaman ni taphatamu.

Morkiin har’a Ispeen – Saa’uud Arabiiyaa, Beeljiyeem – Iraan, akkasuma Uraagaay – Keeppi Vardee waliin taasisan ni eegamu.

Galgala sa’aatii 1:00 Ispeen Saa’uud Arabiyaa waloon morkatti.

Uraagaay halkan sa’aatii 7:00 eegaltee Keeppi Vardee waliin morkatti.

Tapha jalqabaan Ispeen Keeppi Vardee waliin, Saa’uud Arabiyaan ammoo Uraagaay waliin qixa bahuun kan yaadatamuudha.

Biyyoonni ramaddii ‘H’ jala jiran hundi qabxii 1 qixa qabatanii carraa qixaan har’a waliin taphatu.

Akkasuma halkan sa’aatii 4:00 jalqabee morkiin Beeljiyeem Iraan waliin taasiftu ni eegama.

Halkan gara barii sa’aatii 10:00 eegalee Niwuu Ziilaand Ijipti waliin falmatti.

Biyyoonni ramaddii ‘G ‘jala jiran kunneenis qabxii 1 walqixaan carraa walqixaan morkiin godhan ni eegama.

Taphoota hanga ammaatti waltajjichaan taphataman 36 keessaa taphoonni 11 qixaan xumuramaniiru.

Biyyoonni 3 marsaa itti aanuuf darbuu yoo mirkaneeffatan, biyyoonni 3 ammoo ramadduma jalqabaan taphichaan ala ta’uu mirkanaa’eera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment