Tarkaanfiin damee miidiyaa dirree diimokiraasii waliin walsimsuuf fudhanne ijaarsa biyyaaf bu’uura kaa’eera- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 29, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Waggoottan saddettan darban keessa tarkaanfiin damee miidiyaa dirree diimokiraasii waliin walsimsuuf fudhanne ijaarsa biyyaaf bu’uura kaa’eera jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, waltajjii marii biyyaalessaa “ Milkaa’ina miidiyaa ijaarsa seenessaaf” jedhuun gaggeeffame irratti argamuun yaada isaanii qooduu ibsaniiru.

‎Waggoottan saddettan darban keessa tarkaanfiin damee miidiyaa dirree diimokiraasii waliin walsimsuuf fudhanne ijaarsa biyyaaf bu’uura kaa’eeras jedhaniiru.

Bu’aan kun akka itti fufuuf miidiyaaleen finxaalessummaa keessaa bahuun seenessa dhugaa irratti hundaa’e ijaaruun eenyummaa waloofi waliigaltee biyyaalessaaf kutannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Miidiyaaleen keenya hubannoo namtolcheefi xiinxala gadi fagoo qorannoo irratti hundaa’e dhiyeessuu fi ajandaalee biyyaalessaaf xiyyeeffannoo kennuu qabu jedhan.

Hojiin isaaniis kaayyoon, ilaalamaan, gahumsa ogummaan fi uummatatti dhiyaachuun akkaataa madaala isaa eegeen imala badhaadhinaaf daandii kan saaqan fi rakkoo kan furan ta’uu akka qabu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment