Yaadota furmaataa Marii biyyaaleesaa hunda hojiirra oolchuuf ejjennoo qabna- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 17, 2019 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 1ffaa gaggeesseera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif gaaffii fi yaada miseensonni mana marichaa dhiyeessaniif ibsa kennaa jiru.

Ibsa isaaniin, yaadota furmaata Marii biyyaaleesaan dhiyaatan hunda hojiirra oolchuuf Mootummaan ejjennoo qaba jedhan.

Mariin biyyaaleessaa Itiyoophiyaatti waggoota afuriif gaggeeffamaa ture aadaa dubbii ummataa fi miiraa uummataa akka hubannuu nuu taasiseera jedhan.

Haaluma kanaan Komishiniin Marii biyyaaleessaa adeemsa marii fi yaadoota furmaata qaamoolee hundaaf dhiyeessuu yaadachisaniiru.

Yaadonni furmaataa dhiyaatan kan seeraa fi heeraa Mootumaman deebi’an of keessaa qabachuu ibsaniiru.

Kanneen biroo immoo karoora tarsiimoo 2050 keessatti akka ilaalaman taasifamuu himan.

Mootummaan heera Mootummaa fooyya’uu qabu fi sirrachuu qabuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu eeran.

Haaluma kanaan Mootummaan Ida’amuu yaadoota furmaata Marii biyayaleessan dhiyaatan hunda hojiirra oolchuuf ejjennoo qabaachuu ibsan.

Comments (0)
Add Comment