Tattaaffii magaalaa keenya misoomsuuf taasifnu cimsinee itti fufna- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 7, 2018 (FMC)- Tattaaffii magaalaa keenya misoomsuuf taasifnu cimsinee itti fufna jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Kitaabni guddinaafi imala jijjiiramaa magaalaa Finfinnee irratti xiyyeeffatu “THE REMAKING OF ADDIS ABABA’ guyyaa har’aa eebbifameera.

Sagantaa eebba kitaabichaa irratti Ministira Muummee Itti aanaa obbo Tamasgeen Xurunaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon, qorattoonni idil-addunyaa fi barreessitoonni kitaabichaa argamaniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa saganticharratti dabarsaniin, kitaabichi waadaa uummata keenyaaf seenuun gara gochaatti jijjiirre kan seenessudha jedhan.

Kitaabicha kan barreessan piroofeesara Ingiliz Simoon Lii, Dooktar Kileemanti Kaatuuliishii fi Dooktar Hirphoo Qumbii fi garee isaanii galateeffataniiru.

Imala jijjiiramaa kanatti hundi kan boonu ta’uu kaasanii, tattaaffiin magaalicha misoomsuu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Qiddist Birhaanuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment