Tumsa Tarsiimawaa Guddina Waloof

Finfinnee, Fulbaana 4, 2018 (FMC) — Mata-duree “Cichoomina, Kalaqa, Tumsaafi Itti Fufiinsa Ijaaruu” jedhuun yaa’iin hoggantoota BRICS 18ffaan Niwuu Deelhitti gaggeeffameera.

Jilli Itiyoophiyaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu, waltajjiiwwan marii bulchiinsa hammataa, sirna faayinaansii fooyyessuu fi misooma itti fufiinsa qabu irratti xiyyeeffate irratti hirmaannaa olaanaa taasiseera.

Yaa’iin kun dinagdeen guddachaa jiru caasaa dinagdee addunyaa keessatti dhibbaa gaheen hoggansaa qaburratti mari’ateera.

Dabalataanis, yaa’iin kun milkaa’inoota dipilomaasii gurguddoo keessatti iddoo Itiyoophiyaan addunyaa keessatti qabdu cimsee argamsiiseera.

Gama biraatiin, mariiwwan yaa’icha cinaatti gaggeeffamaniin hariiroo dipilomaasii tarsiimawaa cimsaniiru.

Keessumaa hoggantoota Hindii, Chaayinaa, Raashiyaa, Iraanii fi Gamtaa Emireetota Arabaa waliin marii bal’aan gaggeeffameera.

Kunis Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun ishee, sirnoota dinagdee guddina waliigalaa biyyattii saffisiisuuf diriiran irraa kallattiidhaan fayyadamuuf carraa mijataa uumamuu agarsiisa.

Itiyoophiyaan dameewwan albuudaa, humna haaromfamaa fi oomisha warshaa keessattis invastimantii hawwachuuf waltajjicha itti fayyadamaa jirti.

Kunis qabeenya uumamaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun misoomsuu, sharafa alaa biyya keessaa akka hin baane taasisuu, akkasumas kalaqa jajjabeessuun yaa’iinsa daldalaa fi invastimantii dabala.

Dameewwan faayinaansii dijitaalaa, qonna, Loojistiksii fi indaastirii keessatti indaastiriiwwan biyya keessaa gurguddoo ammayyeessuuf furmaatawwan itti fufiinsa qaban dhiyeessuun carraa dabarsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii bal’isa.

Hariiroon biyyoota miseensa BRICS gidduu jiru uumama sona waliinii irratti kan hundaa’e waan ta’eef, Itiyoophiyaan sochiiwwan waloo keessatti hirmaannaa isheen taasiftuun of danda’uu dinagdee, birmaddummaa fi badhaadhinaaf kutannoo qabdu daran cimsachuuf gargaara.

Mihirat Damiseen

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment