Tuulamni Sadan Ardaa Jilaa Dhaka Koraatti walirraa fuudhinsa Baallii gaggeessaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2018 (FMC) – Tuulamni Sadeen Ardaa Jilaa Dhaka Koraatti walirraa fuudhinsa Alangee Gadaa Gaggeessaa jiru.

Sirni Gadaa Oromoo sirna Siyaasa, Dinagdeefi Hawaasummaa Oromoon Addunyaaf gumaache keessaa isa tokko ta’ee Sirna Calaqqee eenyummaa, Afaan, Seenaa, safuufi Siyaasa Oromooti.

Kunis, Sirna waggoottan hedduuf Uummatni Oromoo kalaqee sirnoomsee ittiin walbulchaa tureedha.

Fakkeenyummaafi agarsiistuu Sirna dabarsa Aangoo karaa nagaan itti darbuu kan ta’e Sirni walirraa fuudhinsa baallii Gadaa Tuulamaa Waxabajjii jalqabarra Godaansa eegalee sirnicha raawwata.

Tuulamni sadanis Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan, Ardaa Jilaa Dhaka Koraatti aangoo waliif dabarsaa jiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment