Finfinnee,Waxabajjii 14, 2018 (FMC) – Tapha Waancaa Addunyaa 23ffaa ganama kana taphatameen Jaappaan Tuuniziyaa injifatte.
Tapha ganama kana sa’aatii 1:00 eegalee taphatameen Jaappaan galchii 4 fi 0’n Tuuniziyaa injifatteerti.
Kana hordofee Tuuniziyaan tapha Waancaa Addunyaa keessaa gaggeeffameerti.
Tuuniziyaan Turkiyyeetti aanuun biyya qabxii tokkoo osoo hin argatin Waancaa Addunyaa 23ffaa keessaa gaggeeffamte taateerti.
Tuuniziyaan tapha lama taphatteen galchiiwwan 9 keessummeessuun galchii tokko qofa lakkoofsiste.
Tapha eda taphatameen Jarman Ayivoorii Koosti injifachuun tapha moo’anii darbuuf gahuu mirkaneeffatteerti.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Meeksikoo, Ameerikaa fi Jarman marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Turkiyyee, Tuuniziyaa fi Hayitiin gamanumaan morkii waancichaa keessaa gaggeeffamaniiru.