Ulaa Galaanaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf…

Itiyoophiyaan biyya ummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol qabdu taatus biyya ulaa galaanaa hin qabneedha.

Karra Galaanaa dhabuun ishee guddina diinagdee, qubsama siyaasaa fi nageenya biyyaalessaa isheetti danqaa olaanaa ta’ee tureera.

Haa ta’uutii Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuun birbadummaa fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf dhimma ijoodha.

Ulaan galaanaa birmadummaa diinagdee biyyattiif akkaan murteessadha.

Biyya akka Itiyoophiyaa dhiyeenya Galaana Diimaatti argamtuuf, mirga abbummaa seeraafi seenaa qabduuf ulaa galaanaa dhabuu jechuun nama somba malee harganaa jiraatu akka jechuuti.

Imalli Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasiftu qormaata cimaa jiru keessa darbuu kan gaafatu ta’uu isaan qophii gahaa taasifamaa jira.

Itiyoophiyaan adda durummaan daldalaa al ergii fi galchii buufata Jibuuttiiti fayyadamnti.

Kanaafis waggaan Doolaara biiliyoonaan lakkaawwamu kaffalti.

Buufata ofiin daldaluun sharafa alaa haala olaanaan hambisa.

Qarqara galaanaa qaama Itiyoophiyaa ture dhabuuf waggaa 30 kan nutti fudhate gara ulaa galaanaatti deebi’uuf waggaa 30 akka hin fudhanne ministirri muummee Dooktar.Abiy Ahimad mana maree bakka bu’ootaa irratti cimsanii kaasuunsaanii niyaadatama.

Abbaa buufataa ta’uun saffisa meeshaalee daldalaa ni dabala.

Dabalataan baasii Geejjibaa fi Loojistiksii hir’isuun oomishaalee Itiyoophiyaa gabaa addunyaaf dhiyeessuuf gargaara.

Ulaan galaanaa birmadummaa diinagdee kabachiisurra darbee nageenya biyyaalessaaf wabiidha.

Buufataalee biyyoota biroorratti hirkatummaan jiraachuun nageenya Itiyoophiyaa balaarra kan buusudha.

Buufata mataa ofiin oomishaalee akka boba’aa, qorichaalee fi xaa’oo galfachuun dhamaatti hir’isuun sodaa dhiyeessii hambisa.

Ulaa galaanaa qabaachuun humna galaanaa cimaa fi ammayyaa ijaaruun nageenya dooniwwan daldalaa mirkaneessa.

Galaanni diimaa fi Galoon galaanaa Eedaan daldala addunyaad sarara murteessadha.

Itiyoophiyaan sarara kanarratti kallattiin ulaa galaanaa yoo argatte dhiibbaan siyaasaa fi nageenyaa naannawicharratti qabaattu sadarkaa olaanaan guddata.

Olaantummaa dippiloomaasii guddisuun dhaga’amtummaa idil addunyaa caalmaatti dabala.

Gaaffiin ulaa galaanaa deebii akka argatuuf haala karoora tarsiimawaa waggoota dheeraa ilaalcha keessa galcheen hojjetamaa jira.

Biyyoonni gurguddoon faayidaa biyyaalessaa isaanii eegsusuuf naannawichatti kan waldorgoman ta’uus, Itiyoophiyaanis haala faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuun danda’amuun hojiilee dippiloomaasii hojjechaa jirti.

Ulaan galaanaa diinagdee biyyattii guddachaa dhufe madaaluu fi daldala al-egiifi galchii keessummeessuu danda’u akka barbaachisu itti amanamee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

‎Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf gama nagaan, qajeeltoo kennanii fudhachuu fi biyyoota naannawaa fayyadamoo haala taasisuun akkasumas waliigalteefi dippiloomaasii bu’uura taasisuun hojjetaa jirti.

Ulaa daldalaa cufame banuun biyyattiif carraa indaastirii fi invastimantii haaraa kan uumu yoo ta’u, rakkoo hoji dhabdummaa dargaggootaa furuuf gumaacha olaanaa qaba.

Imaammanni Itiyoophiyaa ollummaa nagaa, kennanii fudhachuu fi waloon guddachuudha.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa carraa ummata miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 olii kan murteessu faayidaa biyyaalessaa murteessadha.

Gaaffii ummataa yeroo dheeraa deebisuuf ammoo qajeeltoo kennanii fudhachuu fi fayyadamummaa waloo bu’uureffachuun tattaaffii dippilomaasii yeroon gaafatuu fi mirga biyyoota kan hintuqnedha.

Itiyoophiyaan seenaa fi mirga qabduun gaaffiin ulaa galaanaa argachuuf dhiyeessitu dhimma jiraachuu fi dhabuu ta’uu isaan kana milkeessuuf tattaaffiin eegalame cimee itti fufa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment